(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 22,2009) Tokkummaan Barattoota Oromoo Yunversitii Finfinnee ejjennaa isaa akka ifa godhetti, Godina Gujii keessatti saamicha albuuda Oromoo irratti geggeeffamuu fi miidhaa ummata irra gahu mormuun akkuma torban kana sagalee dhageessisne sochiin keenya itti fufa jedheera.
Sochiin tun diinaa fi fira keenya akka adda baafannu nu dandeechiseera kan jedhe Tokkummaan Barattoota Oromoo Yunversitii Finfinnee, nuti gama keenyaan hanga gaafiiin ummataa deebii argatutti bifa barbaachisaa taheen sochii mormii keenyaa itti fufna jedheera.
Kana ammoo bifa bu'aa qabeessa taheen raawwachuuf deeggarsi (tumsi) kallattii barbaachisaa taheen akka nu feesisu gaaffii hin qabu jedheera. Oromoon bakkayyuu qabeenya isaa manca’u ta’ee ilaaluu akka hin qabnes hubachiiseera.
Oromoon marti bakka jiruu harka wal qabatee dhabama qabeenyaa fi dhaloota dhufuu baraaruuf, hiree isaa ofiin murteeffatuuf wal ijaaree qabsoo isaa finiinsuu qaba jechuun waamicha dhiheesseera.
********
Saamicha qabeenyaa fi balaa uumama naannoo Oromiyaa keessatti dhaqqabaa jiru kan mormu sochiin barattootaa fi hawaasa Oromoo itti fufe.
(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 22,2009)Maddeen Gaaddisa Dhugaa akka gabaasanitti saamicha qabeenyaa fi faalama uumama naannoo sirni wayyaanee fi michuun isaa Allaamuddiin Oromiyaa Godina Gujii Laga Dambii fi haaraatti ammoo bakka bosonaa fi albuudaa kan ta’e Saakarro irratti geessisaa jiran mormuun barattootni Oromoo fi ummatni sagalee isaanii dhageessisuu itti fufaniiru.
Godina Gujiitti barattootni Onoota Liiban, Gooroo Adoolaa, Adoolaa Waayyuu, Adoolaa Hoodee, Booree Maatii, Shaakkiso, Girjaa, Gercaa, Ambaala Solomee, Saba Baruu, Daawwaa Dingatee fi Urgaa saamicha qabeenyaa naannichatti geggeeffamaa jiru mormuun sochii godhan bifa adda addaan itti fufaniiru.
Godina Booranaatti barattootni Onoota Galaana Abbayyaa, Bulee Horaa, Dugda Daawwaa, Malkaa Sooddaa, Garba Katamaa fi Sooyyoma Suurees barumsa dhaabuun sochii kanatti akka makaman maddeen gabaasaniiru.
Barattootni Oromoo Yunversitii Finfinnee 2500 ol ta’anis saamicha Godina Gujii keessatti Allaamuddiiniin geggeeffamaa jiruu fi miidhama namaa fi uumama naannoo irraan gahaa jiru mormuun sagalee isaanii dhageessisaa jiran.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee akkuma bare ummata qabeenya isaa saamamuu fi naannoo isaa faalamaa jiru mormuuf karaa nagaa hiriira bahetti waraana isaa bobbaasuun miidhaa irraan gahuunis barameera. Namootni loltoota wayyaaneen miidhaan irra gahe hedduun isaanii Godina Booranaa Ona Galaana Abbayyaa Hospitaala magaalaa Tooree ciisaa akka jiranis maddeen keenya gabaasaniiru.
*******
Somaaliyaa bulchiinsa Puntland naannoo magaalaa Bosaassootti lammiilen Oromoo 4 balaa summiin ajjeefaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 22,2009)Ilmaan Oromoo 4n Somaaliyaa Puntlaand naannoo magaalaa Bosaassoo bakka ooyruu keessa hojjetanitti balaa summiitiin ajjeefaman, namni eenyummaan isaa hin baramin tokko dhokatee nyaata isaan ibidda irra kaayanii hojjatataa turanitti summii naqeeni.
Ilmaan Oromoo galaafataman kanneenis Mahadii Abdurahamaan, Abdii Mohammed Umar, Jibriil Hassan Ahmadoo fi Gasaalii Gannoo warreen je’amanii dha. Lammiin Oromoo naannicha ture tokko sabaahimaalef yaada laaten, dubartiin Somaalii takka namoonni dhumataa jiraatuu wayta natti himtu, fiigichaan bakka balaan tun itti geesse yeroon dhaqqabu, namoonni summii nyaachifaman, hoomacha afaaniin yaa’un ala dubbatuu hin danda’an jechuun dubbate. Konkolaataa kadhatuun waytan Hospitaalaan gahu du’uu jira kanaa mirkaneeffatuus ifa godhe.
Puntland magaalaa Bosaassoo fi naannoo sanatti balaa boombii fi tarkaanfii gara garaa goolessitootni wayyaanee fi humnootni puntland tokko tokko fudhataniin dhumaatiin baqattoota Oromoo irra gahaa akka turee fi jiru beekamaa dha. Balaan summii amma baqattoota Oromoo irra geessifames qaamota kanaan ala akka hin taane maddeen keenya ni hubachiisu.
Kun kanaan osoo jiruu achuma magaalaa Bosaasoo keessaa Muddee 13/2009 lammiin Oromoo Jamaal Huseen je’amu kan xalayaa baqattummaa UNCHR qabu ukkaafamee eessa buuten isaa dhabamee jira. Godina Arsii Ona Xaanaa ganda jawwetti dhalatee ka gudda Obbo Jamaal Huseen badii tokkoon maletti humnoota bulchiinsa Puntilaandiin ukkaafamuu isaa baqattoonni ragaa bahu.
MOA